Andualem Gosa | Waa’ee Jireenya koo!| New Oromo Music 2026

Andualem Gosa
Andualem Gosa
Andualem Gosa | Waa’ee Jireenya koo!| New Oromo Music 2026

Yeedaloo fi Walaloo: Andualem Gosa

Director: Amanuel Merga
Cinematography: Ephrem Tsegaye

Music Arrangement: Ephraim Berkenh Urga
Lead Guitar: Robel Mehari
Bes guitar: Luham Mehari

Yaadannoon Wallee kanaa haadha warraakoo, kan waliin bor karoorsinee utuu jiraannuu, har’a keenya dhabneef naaf haa ta’u!


Yaadadhu anaafi ati gaafa wal barannee
Ulaagaan maal ture, maalfaa wal gaafanne
Akka itti wal utubnee turre jaalalanii
Atuu beekta giiftiikoo in wayyu akkaanaani

Waa’ee jireenya koo libsuudhaan dabarse
Egeree bareedaa si wajjin karoorsee
Abjuu qabna borii karaa fagoo deemna
Nun laaffisin laafte qofaa koo naaf gama

Utuun jedhuu, naafi ati, kunoo akkas taanee
Carraatiin, dhiibamnee hireen adda baanee
Manni itti kolfinee horre jaalalaanii
Nuuf ragaa, giiftiikoo maal godha maqaanii

Tole naaf jettaree waan sirraa barbaade
Al tokko deebi’ii an ijakeen yaadee
Tole naaf jettaree waan sirraa barbaade
Al tokko deebi’ii an ijakeen yaadee

Baayyinni jecha, dubbiin arraba
Sirra naan caalu, inni ni darba
Wanta keessakeen dhugaakeen beeka
Kara deemsakeen dhufa kee eega

Baayyinni jecha, dubbiin arraba
Sirra naan caalu, inni ni darba
Wanta keessakeen dhugaakeen beeka
Kara deemsakeen dhufa kee eega


Hirrinakoo keessaa
Ati anaaf dhugaadha
Manat injirre keessa
Hirrudha bar ani duwwaa
Ganzaba iyyeessaa
Ati anaaf dhugaadha
Manat injirre keessa
Hirrudha bar ani duwwaa

Yaadadhu anaafi ati gaafa wal barannee
Ulaagaan maal ture, maalfaa wal gaafanne
Akka itti wal utubnee turre jaalalanii
Atuu beekta giiftiikoo in wayyu akkaanaani


Waa’ee jireenya koo libsuudhaan dabarse
Egeree bareedaa si wajjin karoorsee
Abjuu qabna borii karaa fagoo deemna
Nan laaffisin laafte qofaa koo naaf gama

Utuun jedhuu, naafi ati, kunoo akkas taanee
Carraatiin, dhiibamnee hireen adda baanee
Manni itti kolfinee horre jaalalaanii
Nuuf ragaa, giiftiikoo maal godha maqaanii

Tole naaf jettaree waan sirraa barbaade
Al tokko deebi’ii an ijakeen yaadee
Tole naaf jettaree waan sirraa barbaade
Al tokko deebi’ii an ijakeen yaadee

Daawitii manaa, ifa jiruukoo
Ati deemnaani, argame hirrunkoo
Karaan fagaatus dhufuunkoo in oolu
Gaafasin hima waan ormi jedhu

Daawitii manaa, ifa jiruukoo
Ati deemnaani, argame hirrunkoo
Karaan fagaatus dhufuunkoo in oolu
Gaafasin hima waan ormi jedhu

Hirrinakoo keessaa
Ati anaaf dhugaadha
Manat injirre keessa
Hirrudha bar ani duwwaa
Ganzaba iyyeessaa
Ati anaaf dhugaadha
Manat injirre keessa
Hirrudha bar ani duwwaa
Show more